Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC)-Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Ityoophiyatti Ambaasaaddara Beeljiyeem Isteefan Tiijaan waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaa fi Beeljiyeem hariiroo walta’iinsaan hojjechuu kan qaban yoo ta’u, keessattuu damee qonnaan oomisha Abaaboo fi Bunaan hariiroo cimaa qabaachuun ibsameera.
Damee qonnaan, Ilillii, kuduraa fi muduuraan sharafaa alaa argamsiisuun cinaatti carraa hojii kan uumuu ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaan Beeljiyeem waliin, humna namaan, deeggarsa teeknikaa fi hariiroo biroon cimsuuf biyyoonnii lameen waloon hojjechuuf tumsaa fi deeggarsi akka taasifamuu marichaan ka’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.