Aadde Adaanach Abeebee fi Ministeerri Barnoota Finfinneetti barnoota 2013 eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2013 eegalchiisaniiru.

Magaalaa Finfinneettis barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaa eegaleera.

Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa mana barnoota sadarkaa 2ffaa Minilikitti argamuun barnooticha waliin eegalchisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas adeemsi baruu fi barsiisuu bara kana akka milkaa’uuf meeshaalee barnootaa adda addaa fi meeshaaleen qulqullinaa garaagaraa dhiyaachuu aadde Adaanach ibsaniiru.

Aadde Adaanach barattoonni COVID-19 dabalatee wantoota adeemsaa baruu fi barsiisuu gufachiisan irraayis akka of qusatan yaadachisaniiru.

Dooktar Geetahuun mana barnoota sadarkaa 2ffaa Minilikiitti argamuun barnoota Fiziiksii barsiisaniiru.

Dooktar Geetahuun mana barumsichaattis sagantaa ba’een hanga guyyoota 45 barsiisummaa isaanii itti fufuu jedhameera.

Barsiisoonni biroonis hojii tolaa oltummaa akkasiirratti akka hirmaataniif waamicha dabarsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment