Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroota Biyyoota Noordik (Noorwey, Siwiidiinii fi Fiinlaandi) waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis dhimmoota gamlamee fi naannawaarratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.
Itiyoophiyaan biyyoota Noordik waliin hariiroo damee Diingadee, Siyaasaa, Hawaasummaa fi hariiroo ummataa fi ummataa yeroo dheeraa kan qabdu ta’uu kan kaasan Dooktar Geediyoon, hariiroo kana ammallee cimsitee itti fufti jedhan.
Yeroo ammaa hojiilee jijjiiramaa gama diinagdee fi siyaasaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu irrattis ibsa taasisaniiru.
Haala mijataa abbootii qabeenyaa biyya alaaf uumamaa jiru fayyadamuun dhaabbileen biyyoota Noordik Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif waamicha taasisaniiru.
Mootummaan misooma waaraa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu fi sadarkaa mariin biyyaalessaa irratti argamurratti ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddaroonni biyyoota Noordiik gama isaaniin Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa ijaaruu fi misooma waaraa mirkaneessuuf hojiilee gaggeessitu dinqisiifataniiru.
Biyyoonni kunnee hariiroo gaarii Itiyoophiyaa waliin qaban itti fufsiisuuf hojiilee jijjiiramaa adeemsarra jiran akka tumsan mirkaneessaniiru.
Riifoormii diinagdee gaggeeffaman hordofee abbootii qabeenyaa dhuunfaaf carraalee invastimantii uumaman gama fayyadamuutiin hirmaannaa dhaabbilee biyyoota Noordik guddisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan nageenya naannawichaa mirkaneessuuf, keessumaa Sudaanii fi Somaaliyaatti hirmaannaa taasiftu kan deeggaran ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia