Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Hoggantuu Walta’iinsa Misoomaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Haqaa Dooktara Geediyoon Ximootiyoos Hoggantuu Walta’iinsa Misoomaa Gamtaa Awurooppaa Feeraan Miriyaam waliin Biraaselsitti mari’ataniiru.

Walitti bu’iinsa kutaa Kaaba Ityoophiyaatiin lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Kana malees, Ityoophiyaan yeroo walitti bu’iinsaatti sarbama mirga namoomaa irratti ittigaafatama mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamerrattis mari’atan.

Feeraan Miriyaam, yeroo ammaa walitti bu’iinsi kutaa Kaaba biyyattii fooyya’uu dinqisiifataniiru.

Adeemsi marii dursummaa Gamtaa Afrikaatiin eegalames, nageenya waaraa mirkaneesuuf kan tumsu ta’uu amantaa qaban ibsuu isaanii ragaan Embaasii Ityoophiyaa Biraaselsirraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment