Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Jibuutiitti Bakka Bu’oota Hawaasa Itiyoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Jibuutiitti Bakka Bu’oota Hawaasa Itiyoophiyaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Bakka bu’oonni hawaasaa Itiyoophiyaa biyyattiis, deeggarsa mana barnootaa, mirga lammiilee, waamicha biyyaalessaa fi haala yeroorratti mari’achuun eerameera.

Dooktar Geediyoon gama isaaniin hawaasni Itiyoophiyaa biyyatti jiraatu waamicha biyyaalessaarratti hirmaannaa taasisaa turaniif galateeffatanii hirmaannaan kunis cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

Ijaarsa mana barnootaaf deeggarsa taasisuuf koree hundeeffame waliin akka hojjetanii fi gaaffiilee lammiilee Jibuutii jiraataniif deebii kennuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin akka mari’atan ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment