Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin dhimmoota waloo, hariiroo Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa akkasumas dhimmoota naannawaa fi Ardichaarratti mari’ataniiru.
Itiyoophyaan itti gaafatama seena qabeessa Gamtaa Afrikaaf qabdu kutannoon bahachuu akka itti fuftu Dooktar Geediyoon mirkaneessaniiru.
Dura Taa’ichi, gamtichi akka cimuuf gumaacha taasisan dinqisifataniiru.
Muusaa Faakii Mahaammat gama isaaniin Dooktar Geediyoon Ministira Dhimma Alaa ta’uun muudamuu isaaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, turtii isaanii keessatti gamtichi akka cimuuf akka gumaachan abdii qaban ibsaniiru.
Bara hojii gaarii akka ta’uufis hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia