Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Saa’uud Arabiyaa Injinar Waaliid Biin Abduulkariim Alkeereejii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Hariiroon damee diinagdee biyyoota lamaan caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.
Dhimmoota naannawaafi Sudaan ilaalchisee marii mari’ataniin Itiyoophiyaan ejjennoo walabaa kan qabduu fi akka biyya ollaa fi michuutti rakkoo Sudaan muudate akka furamu tattaaffii taasiifamu karaa sirriin kan deeggartu ta’uu Dooktar Geediyoon dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, gita isaanii Saa’uud Arabiyaa waliin tumsa diingadee biyyoota lamaanii haala cimsuun danda’amu, karaa seeraan alaan namoota daddabarsuu ittisuu, dhimmoota naananwaa fi waloo biroorratti mari’ataniiru.
Fooyyessi imaammata diinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite misooma Invastimantiif haala mijataa uumuu fi abbootiin qabeenyaa saa’uud Abiyaa carraa kana fayyadamuu akka qaban Ambaasaaddar Misgaanuun gaafataniiru.
Saa’uud Arabiyaan damee Qonnaa, Albuudaa, Tuurizimii fi Teeknooloojiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu Injinar Waaliid ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia