Dooktar Geediyoon Ministira Dhimma Alaa Jibuutii waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Jibuutii Mahaammad Alii Yesuuf waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’atan.

Hariiroon biyyoota lamaanii kan bara dheeraa ta’uu Dooktar Geediyoon eeruun, tumsi biyyoota ollaa kun akka fakkeenyaatti kan ilaallamu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan nageenya naannawichaaf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.

Itiyoophiyaa fi Jibuutiin hariiroo Diinagdee, Daldalaa fi Tajaajila Buufataa qaban caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment