Dooktar Fitsum hooggantoota Inistiitiyuutii Toonii Bileer waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan hooggantoota Inistiitiyuutii Tooni Bileer waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fitsum Asaffaa marii kanarratti, miinisteerichi walta’iinsaan hojiileen Inistiitiyuutiin Toonii Bileer waliin hojjechaa jiru bu’aa argamsiisuun fakkeenya  ta’uu himuun, walta’iinsichis cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministerichaa Dooktar Namarraa Gabayyoo gama isaaniin, Inistiitiyuutiin Tooni Bileer hojiilee Ministeera Pilaanii fi Misoomaaf deeggarsa teeknikaa cimaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsa invastimantii hawaasaa ilaalchisees Ingiliz muuxannoon akka qabdu eeranii, Inistiitiyutichi haala hariiroo dhaabbilee cimsuu fi muuxannoo qoodduun danda’amu akka mijeessu gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti Daarekattarri Instiititiyuutii Toonii Bileer Maleedaa Bisiraat Inistiitiyuutichi, hojii tumsa Ministeera Pilaanii fi Misoomaaf tumsa taasisuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment