Finfinnee, Caamsaa 7, 2015(FBC)- Ministirri Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan miseensoota Mana Maree Daldalaa Ameerikaa Ityoophiyaatti argaman waliin mari’achuun ibsame.
Dooktar Fitsum haalota mijatoo daldalaafi invastimantii Ityoophiyaarratti miseensota kanneeniif ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan fedhiifi karoora guddachuufi badhaadhuu qabaachuu eeruun, milkaa’ina isaaf carraaleen jiraachuu kaasaniiru.
Dameewwan qonnaa, albuudaa, manuufaakchariingii, agro-piroosesiingiifi kanneen biroorratti carraalee bal’aan jiraachuu ibsuun, abbootii qabeenyaa dameewwan kanneen irratti bobba’aniif jajjabeessituuwwan kan taasifaman ta’uu addeessaniiru.
Paarkiiwwan invastimantii abbootii qabeenyaa biyya alaafi keessaaf qophaa’an jiraachuufi mootummaan damee dhuunfaa deeggaruufi gahee isaan diinagdee keessatti qaban guddisuuf imaammata fooyyessuurraa eegalee riifoormiiwwan hedduu taasisuu ibsaniiru.
Miseensonni mana marichaas dhaabbileen Ameerikaa gara Ityoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantiirratti akka hirmaataniif gaheesaanii akka bahatan gaafachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.