Dooktar Fitsum Asaffaa Bakka Buutuu Fandii Qorannoo Ummataa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa Ityoophiyaatti Bakka Buutuu Fandii Qorannoo Ummataa DhMG Suuzaan Maandoongi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin walta’iinsa misoomaa fi qorannoo ummattaarratti qaban haala cimsuun danda’amuu fi ajandaawwan waloo fuulduratti waliin hojjechuun danda’amuratti mari’ataniiru.

Xiyyeeffannaa karooraa waggoota 10 Ityoophiyaa kan ta’e bu’aalee misoomaa fi qorannoo ummataa hojiirra oolchuuf, qophii roodmaappii misoomaa fi qorannoo ummataa biyyaalessaa eegalchiisuu dabalatee, dhaabbileen lameen karoora waloo misoomaa fi qorannoo ummtaa fi kanneen biroo fuulduratti hojiirraa oolchanirratti maria’chauu isaanii ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment