Dooktar Ergoogee Tasfaayeen miseensoota gamtaa parlaama Awuroppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen miseensoota gamtaa parlaama Awuroppaa waliin mari’atan.

Dooktar Ergoogeen Koree Mirga Dubartootaafi Walqixxummaa akkasumas Jila garee Misoomaa Gamtichaa waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Hojiilee gama dubartootaan , daa’mmaaniin, qaama midhaamtootan, manguddootaan , godaansarraa deebitootaanii fi egumsaa hawasummaan hojjetaman irraati Dooktar Ergoogeen ibsa laataniru.

Mootummaan mirga dubartoota eegsisuufi dandeettii isaanii guddisuuf  hojjechaa  jiraachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment