Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Dubartoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka buutuu Ityoophiyaa Anaa Muutaavaatii waliin sanada Proojektii waggoota 4 irratti mari’ataniiru.
Proojektichi dandeettii diinagdee dubartootaa guddisuu, miidhaa koorniyaa ittisuu, dhimmoota dubartootaa fi namoomaarratti deebii kennuu fi hirmaannaa dubartootaarratti xiyyeeffachuu ibsameera.
Sanada proojektichaa xumuruun waliigaltee waliif mallatteessuu fi gara hojiitti galuuf walii galuu eerameera.
Dabalataanis sanada proojektichaarratti hundaa’uun qaamolee deeggartootaa garaagaraarraa galii walitti qabuuf walii galuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.