Dooktar Chikaagee Obaa: Qorattuu Seenaa fi Aadaa Oromoo

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Dooktar Chikaagee Obaa Seenaa fi Aadaa uummata Oromoo qorachuun beekamti.

Jaappaanitti dhalattee kan guddatte hayyuun kun, Chikaageen maqaa dhaloota ishee yoo ta’u maqaan Oromoon Booranaa baaseef garuu Lookoo Duubati.

Booranatti Dooktar Lookoo jedhamtee waamamti.

Dooktar Lookoon /Chikaagee/ gara Itiyoophiyaa erga dhuftee waggaa 20 kan lakkoofsiste, Oromoo Booranaa waliin yeroo dheeraa waan jiraatteef Afaan Oromoo sirriitti dubbatti, hawaasa naannawicha waliin hariiroo gaarii kan qabduu fi
Yuunivarsiitii Arsiitti ammoo barsiistuu Antiroppooloojiiti.

Seenaafi Aadaa Uummata Oromoo irratti qorannoowwan hedduu kan gaggeessite Dooktar Lookoon, keessumaa Sirna Gadaa Oromoo irratti hojiilee qorannoo bal’aa taasisteetti.

Kitaaba mata dureen isaa “The Oral Chronicle of the Boorana in Southern Ethiopia” jedhu Afaan Jaappaanii fi Afaan Ingiliziin barreessun dubbistoota Addunyaa biraan geesseetti.

Fiilmii mata dureen isaa “The Gadaamojjii Ritual of The Boorana at Ethiopia” jedhu kan aadaa Oromoo Booranaa fi Sirna Gadaa irratti xiyyeeffate Afaan Oromoon kan hojjatame Afaan Ingiliziin hiikuun daawwattoota Addunyaatti hayyuu muldhisteedha.

Dooktar Chikaagee Obaa Oromiyaatti Godinaalee akka Baalee Bahaa, Arsii, Harargee Lixaa fi kanneen birootti imaluun seenaa fi aadaa Oromoo naannawaalee kanneenii qoratteetti.

Yeroo ammas Seenaa Oromoo Booranaa qorachaa kan jirtu Dooktar Lookoon qorannoo ishees Afaan Ingilizii fi Afaan Oromoon maxxansiisuuf akka ta’e ibsiteetti.

Mulugeetaa Girmaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment