Dooktar Caalaa Waataan Mana Murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin duraanii Yuunivarsitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataan mana murtiitti dhiyaatan.

Dooktar Caalaa Waataan yakka malaanmaltummaan shakkamuun guyyaa har’aa Poolisii Qorataan Mana Murtii Olaana Federaalaa ramaddii 1ffaa Dhaddacha Beellama Yeroo Lidataatti dhiyeesseera.

Shakkamaan Pireezidaantii Yuunivarsiitii wayita turanitti qajeelfama bittaa haala hinhordofneen bittaa qabeenyaa raawwachuu, waliigaltee kontiraaktaraa seera hin eegne raawwachuu fi faayidaa hinmalle argachuun yakka malaanmatummaan shakkamuun qorannoo eegaluu poolisiin dhaddachaaf ibseera.

Ragaalee namaa fi sanadaa walitti qabuufis Poolisii qorataan guyyoota 14 gaafateera.

Dooktar Caalaan gama isaaniin yakka hin raawwanne jechuun falmuun, mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.

Poolisii qorataanis mirgi wabii yoo eegameef ragaa dhoksuu fi raga baatota sossobachuu waan malaniif gaaffii wabii mormuun falmeera.

Gaaffii wabii Dooktar Caalaa yeroof kuffisuun qorannoon dabalataa waan barbaachisuuf guyyootaa qorannoo dabalataa 14 eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment