Dooktar Biqilaa Hurrisaan Aanaa Chahaatti Misooma Koriidarii Baadiyyaa daawwatan

Dooktar Biqilaa Hurrisaan Aanaa Chahaatti Misooma Koriidarii Baadiyyaa daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 15, 2017 (FMC) –Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa Godina Guraagee Aanaa chahaatti misooma Koridarii Baadiyyaa daawwataniiru.
Godinatti misooma koriidarii baadiyyaa ‘Jaforaan’ qabiyyee Aadaa waliin wal simsiisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Jaforaan Aadaa Guraagee keessatti mandara Sirni hawaasummaa fi diinagdee itti raawwatamudha.
Hawaasni Guraagee mandara ‘Jafora’ bifa walfakkaataan hojiirra oolchuun Hambaa Addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf hojjetamaa jiraachuun ibsamuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment