Dooktar Amiir Amaan aanoota naannoo Sumaalee garagaraa daawwatan

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Ministirri Ministira Fayyaa Dooktar Amiir Amaan hoggantoota biiroo fayyaa naannoo Sumaalee waliin ta’uun naannoo Sumaalee magaalaa Godee, godina Shabalee fi aanaa Qalaafoo daawwataniiru.

Dooktar Amiir dhaabbilee itti waamamanii fi hoggantoota biiroo fayyaa naannoo Sumaalee waliin ta’uun naannoo Sumaalee magaalaa Godee, godina Shabalee fi aanaa Qalaafoo haala fayyaa hawaasaa, dhaabbilee fayyaa fi dhiyeessii waliigalaa meeshaalee fayyaa daawwataniiru.

Hospitaalaa waliigalaa Godee yaala haadholii fi daa’immanii meeshaa guutameen wiirtuu tokko keessaatti akka kennamuuf minsteerri fayyaa baasii guutummatti uwwisuun haaroomsuuf waliigaleera.

Hospitaalicha kan barbaachisan meshaalee yaalaa ijaa fi onneee, altiraasawudii fi raajii ministeera fayyaa, biiroo fayyaa naannichaa fi fandii hospitaalichaaf qophaa’een bituuf waliigalteera ga’amuu ragaan ministeera fayyaarraa arganne ni muldhisa.

 

 

Comments (0)
Add Comment