Dooktar Alamuu Simeen tajaajiloota terminaalota geejjiba uummataan kennaman daawwatan

Finfinnee, Eebla 1, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen tajaajiloota terminaalota geejjiba uummataan kennaman daawwataniiru.

Dooktar Alamuun terminaalota geejjiba uummataa Laambaratiifi kutaa magaalaa Addis Katamaatti argamutti argamuun tajaajiloota sirna ramaddii bobbii, qabiinsa imaltootaa, hopjiirra oolmaa taariifa geejjibaa daawwachuu eerameera.

Rakkooleen kenniisa tajaajilaarratti mul’atan saffisaan akka furaman yaadachiisuufi yeroo itti aanutti tajaajila bobbii naannawaa termonaalotaatti taasifamurratti hordoffii cimaan kan taasifamu ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment