Dooktar Addisaalem Baalleemaa mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Hogganaa olaanaa garee finxaaleyyii ABUT kan turan Dooktar Addisaalem Baalleemaa Mana Murtiitti dhiyaatan.
Dooktar Addisaalem garee farra nageenyaa gurmeessuun shakkamuun Mana Murtiitti dhiyaataniiru.
Shakkamichi wayita ambaasaaddara turanitti hariiroo gaarii Ityoophiyaan biyyoota alaa waliin baroota dheeraaf qabdu guraachesuu fi dhaabsiisuuf dhiibbaa uumaa turuu isaanii qorataan Poolisii dhaddachaaf ibseera.
Dabalataan ragaa fi iccitii mootummaa dabarsanii laachuu turuu isaanii Poolisiin eereera.
Hoggantoota olaanoo ABO shanee waliin odeeffannoo waljijjiiraa turuu fi iccituu mootummaa laachuun yakka raawwachuu isaanii poolisiin dhaddachichaaf ibsa taasiiseera.
Dargaggoota filuun jeequmsii fi hokkarri akka uumamu naannolee keessatti hojjechaa turuu isaanii eeruun, ambaasaaddara Chaayinaa tokko waliin walitti dhufuun Chaayinaa fi ABUT paartii Koomuuniistii uumuu akka danda’an haala mijeessaa turuu poolisiin eereera.
Jaalleewwansaa hin too’atamne waliin ta’uu Onkololeessa 24, 2013 ajjeechaan jumlaa lammii nagaa Maaykaadiraa fi haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti akka raawwatuu fi meeshaaleen waraanaa akka saamaman haala mijeessuu isaanii dhaddachichaaf ibsi laatameera.
Dooktar Addisaalem yakkicha hinraawwanne jechuun mormanis Poolisiin yakkicha raawwachuu isaanii ragaa ga’aan jiraachuu dhaddachaaf ibseera.
Qorataan Poolisii qorannoof guyyoota dabalataan 14 gaafateera.
Dhimmicha hordofaa kan ture Manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha ooleen qorannoo guyyoota dabalataa 14 Poolisiif eeyyameera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment