Dooktar Abrahaam Balaay jila Miseensota Koree Dhimmootaa Raayyaa Ittisaa Paarlamaa Faransaay waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay jila Miseensota Koree Dhimmoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Paarlaamaa Faransaay waliin dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Maricharratti Dooktar Abrahaam, Itiyoophiyaa fi Faransaay gidduu hariiroon seena qabeessaa baroota dheeraa lakkoofsise jiraachuu himanii, Itiyoophiyaan Faransaay waliin hariiroon gamlameenii cimsitee itti fufsiisuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Jilli koree Miseensota Koree Dhimmoota Raayyaa Ittisaa Paarlamaa Faransaay waliin mari’achuutti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa Mootummaa Faransaay waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Bakka bu’aan jila Miseensota Koree Dhimmoota Raayyaa Ittisaa Paarlamaa Toomaas Gaasilooyid gama isaaniin, Faransaay Itiyoophiyaa waliin hariiroo damee hedduu kan qabdu ta’uu himaniiru.

Walta’iinsa naannawaa, Ardii akkasumas saayinsii fi teeknooloojii, deeggarsaa fi ijaarsa qabeenya humna namaarratti waloon hojjechuuf marii gaggeessuu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment