Dooktar Abiyii fi Ajaay Baangaan Paarkii Indaastirii Boolee Lammii daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaan Paarkii Indaastirii Boolee Lammii daawwataniiru.

Mooraa paarkichaa lakka 2 keessatti waloon biqiltuu dhaabaniiru.

Ajaay Bangaan kaleessa waaree booda Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.

Har’a sosochii hojii Paarkii Indaastirii Boolee Lammii deeggarsa maallaqaa Baankichaan ijaarame lakkoofsa 2 daawwachuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment