Dooktar Abiy Warshaa Daakuu fi Daabboo Waajjirri Giiftii Duree Magaalaa Jigjigaatti ijaarsise eebbisiisan

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Warshaa Daakuu fi Daabboo Waajjirri Giiftii Duree Magaalaa Jigjigaatti ijaarsise 8ffaa eebbisiisaniiru.

Waajjirichi kutaalee biyyattiitti Warshaa Daabboo fi Daakuu 12 ijaarsiisuuf hojiilee hojjetaa jiru keessaa kan magaalaa Jigjigaa ijaarsa isaa xumuruun har’a mootummaa naannichaaf dabarsee kenneera.

Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Pireezidaantiin Naannoo Somalee Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannolee, akkasumas abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin biyyaa sagantaa eebbaa kanarratti argamaniiru jedhame.

Warshaan kun baasii Birrii miiliyoona 100 oliin ijaaramuu ibsameera.

Guyyaan Daabboo kuma 300 fi Daakuu Kuntaala 420 oomishuu danda’a jedhame.

Hanga ammaatti Warshaan Daakuu fi Daabboo waajjirichi ijaarse kan Finfinnee, Aggaaroo, Goondar, Walaayittaa Sooddoo, Hararii, Boongaa fi Hawaasaa eebbifamuun hojii eegalaniiru.

Ijaarsa Warshaa kanaaf Dhaabbanni Miidirook Invastimanti Giruuppi deeggarsa maallaqaa taasiisuu eerameera.

Warshaan Daakuu fi Daabboo Waajjirri Giiftii Duraa ijaarsisaa jiru kun magaalaa Dasee, Naqamtee, Asoosaa fi Samaraattis ijaaramaa jira.

Fireehiyiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment