Dooktar Abiy waamicha ogeeyyiin aartii ‘kabaja raayyaa ittisa biyyaaf ni dhaabbanna’ jechuun dhiyeessan fudhatan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha ogeeyyiin aartii ‘kabaja raayyaa ittisa biyyaaf ni dhaabbanna’ jechuun dhiyeessan akka fudhatan ibsaniiru.
Dooktar Abiy kibxataa sadaasa 8, 2013 mata duree ‘kabaja raayyaa ittisa biyyaaf ni dhaabbanna’ jedhuun sagantaan daqiiqaa 2f akka jiraatuuf waamichaa ogeeyyiin aartii dhiyeessan akka fudhatan fuula Feesbuukii isaaniitin beeksisaniiru.
Sagantaan waamicha dhiyaatee ganama sa’aatii 5:30 irratti ni gaggeeffama.
Sa’aatichatti Ityoophiyaannoonni hundi bakka jiraanitti daaqiqa tokkoof harka mirgaa isaanii lapheesaanii bitaarra ka’uun dhaabbachuun kabaja raayyaa ittisa biyyaaf qaban ni ibsu.
Erga sirnichi xumuramee booda daqiiqaa 1f ammoo bakka jiran ta’un osoo wal irraa hin kutiin harka isaanii walitti rukuutu.
Dooktar Abiy sirnicha hawaasni bakka jiruutti, mana hojiitti, dhaabbilee fi mana manasaatti haala milkii qabuun akka raawwatamuf shooraa isaanii akka ba’ataan ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment