Dooktar Abiy turtii Chaayinaatti taasiisan xumuruun gara Finfinnee deebi’an

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu daawwannaa hojii fi Fooramii ‘Belt and Road’ Chaayinaa 3ffaarratti hirmaannaa taasiisaa ture xumuruun gara Finfinnee deebi’eera.

Dooktar Abiy turtii isaaniin yaa’ii ‘Belt and Road’ 3ffaarratti hirmaataniiru.

Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waloon dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Jilichi hoggantoota Mootummaa Chaayinaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ateera.

Magaaloota Chaayinaa garaagaraatti hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Jilichi har’a daawwannaa fi hirmaannaa yaa’icharratti taasiisaa ture xumuruun gara Finfinnee deebi’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment