Dooktar Abiy sosochii deeggarsa namoomaa bulchiinsa yeroo fi ummata naannoo Tigraay eegalchiisan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a bakka Preezdaantoonni naannolee fi Kaantibaawwan bulchiinsa magaalotaa argamanitti sosochii deeggarsa namoomaa bulchiinsa yeroo fi ummata naannoo Tigraay eegalchiisaniiru.

Sosochiin tokkummaa kun naannoleen, dhaabbileen Federaalaa fi qooda fudhattoonni deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru akka deeggara kan kaayyeffame ta’uu marii Interneetiin gaggeeffameen ibsameera.

Preezdaantoonni naannolee deeggarsa namoomaa ummata naannichaaf taasiisuuf waadaa galaniiru jedhame.

Lammiileen Ityoophiyaa hundi waan danda’aniin ummata Tigraay deeggaruu akka qaban Dooktar Abiy waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment