Dooktar Abiy sagantaa maaddii biyyaan kan hojjetamu proojektii Kooyishaa eegalchiisuuf Daawuroo galan

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa maaddii biyyaan kan hojjetamu proojektii Kooyishaa eegalchiisuuf godina Daawuroo galaniiru.

Dooktar Abiy wayita Aanaa Loomaa ga’an hawaasa naannichaan sirna hoo’aan simatamaniiru.

Ganda Waarummaatti kan argamuu fi qaama Proojektii kan ta’e ‘kilaastera mootii Halaalaa Kaabitti’ dhagaa bu’uuraa kaa’aaniiru

Sirna proojekticha eegalchiisuu kanarratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee Itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Makonniin, itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaa fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa argamaniiru.

Halaalaa Keellaan iddoo seennaa dubbatamee hin quuffamne kan qabuudha jedhan Dooktar Abiy.

Godinichatti qabeenya uumamaa jiru kilaasteraan qooduun misoomsuuf karoorfamee har’a ifatti sagantaan jalqbbii eegalamuu ibsaniiru.

Proojekticha waggaa tokkoo gaditti xumuruun eebbisiisuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru

Dooktar Abiy mootummaan naannoo Kibbaa fi hoggantoonni mootummaa naannichaa raawwii proojektichiif hordoffii barbaachisu akka taasiisan yaadachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment