Dooktar Abiy qaamolee Konfiraansiin Addunyaa Beelarraa bilisaa akka milkaa’u tumsan galateeffatan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Konfiraansiin Addunyaa Beelarraa bilisaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Qaamolee Konfiraansiin Adduynaa Beelarraa bilisaa akka milkaa’u gumaacha taasisan hunda galateeffataniiru.
Marii bu’aa jajjabeessan irraa argame kun akka milkaa’u qaamolee gumaacha taasisan hunda onnee korraan galateeffadha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Hojiilee Ashaaraa magariisaa oomishtummaa guddisuuf hojjetaman, hongee dandamachuuf hojjetaman, sagantaa ashaaraa magariisaan hojiin qonna waareessuu hojjetame yaa’ichaaf dhiyaachuu himaniiru.
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu, carraan hojii uumuu Paarkiiwwan Qonna qindaa’aaa, guddinni galii fi Invastimantiin Itiyoophiyaa damee Qonnaan qooda Itiyoophiyaa sadarkaa Addunyaatti qabdu cimsuu eeraniiru.
Beela dhabamsiisuun deebii tumsa waloo gaafata jedhan.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment