Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’iil Oomaar Giileen filannoo biyya isaanii irra deebiin moo’achuu isaaniif ergaa gammachuu dabarsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad fuula Tiwiitarii isaaniin ‘obboleessa koo Preezdaant Ismaa’iil Oomaar Giilee baga gammadde’ jedhaniiru.
Ityoophiyaan isinii fi ummataa Jibuutiif badhaadhina hawwiti jedhan.
Gara fuula duraas Ityoophiyaan michuu adda duree fi ollaa ta’uun itti fufti jedhan Dooktar Abiy.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.