Dooktar Abiy Piroojektoonni murteessoo Goondaritti hojjetamaa jiran saffisaan akka xumuraman qajeelfama kennan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad raawwii hojii Piroojektoota murteessoo Goondaritti hojjetamaa jiran gamaaggamuu ibsaniiru.

Turtii xumura torbee kanaa Naannoo Amaaratti taasifneen booda Hoggantoota olaanoo Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun raawwii hojii Piroojektoota murteessoo Goondaritti hojjetamaa jiran gamaaggamuun kallattii itti xumuramuu danda’an keenyarra jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Ijaarsa Piroojektii Hidha Magacan, Dhiyeessa Bishaanii dhugaatii magaalaa Goondarii fi Daandii Azazoo Goondar Kiiloo Meetira 11 hojjetamaa jiran gamaaggamuu ibsaniiru.

Gamaaggamichaanis piroojektoonni kunneen saffisaan akka xumuramanii fi bulchiinsi isaanii fooyya’uu akka qaban qajeelfama kennuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment