Dooktar Abiy Pireezidaantii Mana Maree Birmadummaa Riippaablika Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Mana Maree Birmadummaa Riippaablika Sudaan Jeneraal Abduulfattahii Alburihaanii fi jila isaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Jilli Jeneraala Abduulfattahii Alburihaaniin durfamu har’a Finfinnee galeera.

Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Booleetti agamuun jila kana simataniiru.

Hoggantoonni kunneen dhimmoota waqtaawaarratti mari’achuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment