Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii COP 28 cinaattii Pireezidaantii Kuubaa Miigiweel Diyaaz Kanaal waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy bakka argisiisa (pavilion) Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaatti Pireezidaantii Kuubaa simachuun waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota Jijjiirama qabeenya qilleensaa, tumsa waloo fi dhimmoota misooma biyyaalessaarratti mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.