Dooktar Abiy Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’atan.

Chaayinaan deeggartuu ijoo Itiyoophiyaa ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Marii bu’aa qabeessaa fi simannaa hoo’aa naaf taasiisaniif Pireezidaanti Shii Jiinpiingi nan galateeffadha jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Pireezidaanti Shii Jiinpiing Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uu isheef baga gammaddan jedhaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaaf Chaayinaa gara sadarkaa olaanaatti guddachuu ifoomsaniiru.

Imaammanni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Imaammata misooma Magariisaa Chaayinaan waliin kan dubbise ta’uu eeraniiru.

Imaammanni kun qaama Inisheetiivii ‘Green Belt anda Road’ ta’uu isaa Chaayinaan tumsa barbaachiftu kan taasiiftu ta’uu Pireezidaanti Shii Jiinpiing mirkaneessaniiru.

Invastimantiin Chaayinaan guddina Diinagdee Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Keessattuu dameewwan ijoo kanneen akka Qonnaa, Maanufaakcheriingii, Misooma Albuudaa, ICT fi Turizimiin caalmaatti akka cimu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment