Dooktar Abiy Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Afrikaa Kibbaatti Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Walga’iin BRICS osoo hin eegalamiin dura haala hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing hojiilee misooma biyyaa Dooktar Abiy hojjetan dinqisiifachuun, tattaaffii misoomaa fi nageenya mirkaneessuu, deebisanii ijaaruu akkasumas, Invastimantii fi hariiroo daldalaa guddisuuf taasiifamu caalmaatti fooyyessuuf waadaa galaniiru.

Akkaataa uwwisa waliigaltee waloon Chaayinaan kaffaltii Liqaa Ityoophiyaaf yeroo aara galfii kan laattu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment