Dooktar Abiy Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Biraaziil Luulaa Daa Siilvaa simachuun dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Daawwannaa hojiif Finfinnee kan jiran Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan waliin dhimmoota waloo fi hariiroo hundagaleessa biyyoota lamaanii ilaalchisee marii taasiisuu isaanii Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee hariiroo Biraaziil waliin qabdu caalmaatti kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Mariin har’as hariiroo fi michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment