Dooktar Abiy oomisha Paappayyaarratti kanneen bobba’an oomisha dabaluuf akka tattaafatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad oomisha Paappayyaarratti kanneen bobba’an oomisha dachaan dabaluuf akka tattaafatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaahawaasummaa isaaniin Paappayyaan dhiyeessii biyya keessaaf ooluu fi gabaa alaaf humna qaburraa ka’uun Itiyoophiyaatti sanyiiwwan muduraa gumaachaa olaanaa qaban keessa tokko jedhan.

Adeemsa qonnaa dagagfaman fayyadamuun qonnaan bultoonni oomishaa fi bu’aa olaanaa argachuu akka danda’an akeekaniiru.

Kanaaf hojii oomisha Paappayyaarratti kanneen bobba’an hundi oomisha isaanii dachaan dabaluuf akka tattaafatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment