Dooktar Abiy naannawaa Awaareetti Ijaarsa Manneen Harka Qalleeyyii eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachew naannawaa Awaareetti Ijaarsa Manneen Harka Qalleeyyii eegalchiisaniiru.
Gamoo Haaraa mana jireenyaaf mijataa ta’ee fi naannawaa magariisaa of keessatti qabate baatii Fulbaana dhufuutti ijaarsa isaa xumuruuf har’a hojii ijaarsaa eegalchiisaniiru.
Naannawaa Awaareetti ijaarsa manneen harka qalleeyyii waggoottaan jahaan darban dura eegalle, naannawichatti ijaarsa xumuraa raawwachuuf har’a bakkicha hojii ijaarsaaf qophii taasiisuu hojjenneera jedhan Dooktar Abiy Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Manneen jireenyaa naannawaa kanneenii daraan kan moofa’an, manneen fincaaniillee kan hin qabne, jireenyaaf haalaan rakkisaa kan turan ta’uu kaasaniiru.
Hojiin kun jireenya hawaasa harka qalleeyyii jijjiiruuf qofa osoo hin taane misoomsitoota Riil Isteetiis kan fayyade ta’uu dubbataniiru.
Piroojektiin kun haala jireenya hawaasa naannawaa Awaaree jijjiiruun abdii isaanii kan ol kaasu ta’uu eeraniiru.
Baasiin ijaarsa manneen kanneenii walakkaan dhaabbata Faawundeeshiinii Viizaan kan uwwifame ta’uu himaniiru.
Dhaabbilee fi tola ooltonni biroos jireenya hawaasa naannawaa kanaa jijjiiruuf tumsa akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment