Dooktar Abiy Ministira Muummee Singaappoor galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa hoo’aa Ministirri Muummee Singaappoor Lawurensi Woongi taasisaniif galateeffataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee ta’uun tajaajiluu eegaluun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Biyyoonni lameen dhimmoota walirraa baratan hedduu qabachuu kan kaasan Dooktar Abiy, hariiroo ummataa fi ummataa daran guddisuuf, ijaarsa dandeettii, siviil sarvisii, teeknooloojii, hojiilee maanufaakchariingii fi misooma tuuriizimin walta’iinsaa jiru cimsuufis waliigalteerra ga’uu beeksisan.

Akkasumas walta’iinsa michummaa daran bal’isuuf kan hojjetan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment