Dooktar Abiy Ministira Muummee Maaleezhiyaa fi Ummata biyyaattii galateeffatan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Simannaa ho’aa Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Anuwaar Ibraahimii fi ummanni biyyaattii taasisaniif galateeffataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin,Biyyoonni lameen tumsa isaanii dameewwan Qonnaa, Albuudaa, Oomishaan ,haroomsa Anniisaa ,Daldalaa, Invastimantii fi dameewwwaan ijoo ta’an kanneen biroorratti qaban cimsuuf waliigaluu ibsaniiru.

Hawaasni Daldalaa Maaleezhiyaa diingadee Itiyoophiyaa saffisaan babal’achaa jiru keessatti carraa invastimantiitti fayyadamoo akka ta’aniif nan jajjabeessaas jedhaniiru

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment