Dooktar Abiy Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee , Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Jee Bliinkaan waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Haala naannoo Tigraayii fi dhimmoota waqtaawaa irratti mari’ataniiru.
Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Jee Bliinkaan Ameerikaan Ityoophiyaa waliin hojjechuu fi hariiroo qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Dooktar Abiyii fi Antooniii Jee Bliinkaan haala nageenyaa lammiilee naannoo Tigraayii fi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu ilaalchisee marii taasiisaniiru.
Ameerikaan deeggarsaa fi tumsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu Antoonii Jee Bliinkaan Fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment