Dooktar Abiy Jeneraal Abdulfattaa Alburhaan waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala waqtaawaa Sudaanirratti Pireezidaantii Mana maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa Alburhaan waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sudaanitti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Turtii Dooktar Abiy Sudaanitti taasisaan ilaalchiisee Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsa kennaniiru.

Kaayyoon daawwannichaa walitti bu’iinsa karaa nagaan furuun haaloota dandeessisanirratti mari’achuuf ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan dureewwan lameen haala waqtaawaa Sudaanirratti marii bu’aa qabeessaa taasisuu Dooktar Laggasaan dubbataniiru.

Itiyoophiyaan Humnoonni Sudaan lameen garaagartee qaban karaa nagaan akka furatanii fi nageenyaa biyyattiif waloon hojjechuuf tattaaffii taasisaa turuu eeruun, fuuldurattis tattaaffii ishee itti fufti jedhaniiru.

Itiyoophiyaan rakkoon Sudaan mudate karaa nagaan akka furamuuf deeggarsa barbaachisa gama hundaan taasisuuf qophii ta’uu Dooktar Abiy mirkaneessuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment