Dooktar Abiy Inisheetiivii “Koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5” eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Inisheetiivii leenjii teeknooloojii dijitaalaa lammiilee miiliyoona 5 fayyadamoo taasisuu “Koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5” jedhamu eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaan egereesheef mul’ata kan qaban dargaggoota dhimmaman abdatti.

Sagantaan Inisheetiivii Koodaroota miiliyoona 5 har’a eegalames carraa olaanaa ta’uu himanii, dargaggoonni galmaa’uun ogummaa akka argatan, waraqaa ragaa idil addunyaa akka qabaatan hunduu akka jajjabeessuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Walta’iinsa pirojektii ijaarsa dandeettii olaanaa kanaafis Mootummaa Emereetota Araba Gamtoomanii galateeffataniiru.

Koodaroonni miiliyoona 5 furmaata mandhalee kan kennan qofa utuu hintaane ardii keenyaaf ifa abdii kan baasaniidha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment