Dooktar Abiy Ijaarsi Daandii misooma Koriidarii Kiiloo Afur(Daalattii) – Qabbannaa – Embaasii Keeniyaa xumuramuu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ijaarsi Daandii misooma Koriidarii Kiiloo Afur (Daalattii)- Qabbannaa – Embaasii Keeniyaa xumuramuu ibsan.

Naannawicha hojiin magariisa taasiisuu sirnaan hojjetamuu eeraniiru.

Torbee darbe misoomni Koriidarii halkan maal akka fakkaatu daawwachuun dinqisiiffannee turre, har’a ammoo misoomni Koriidariin barii maal akka fakkaatu daawwanneerra jedhan.

Milkaa’ina hojichaaf hirmaannaa bulchiinsi magaalaa fi gumaata seektaroonni dhuunfaa taasiisaniif galatatu malaaf jedhan.

Hanqina iddoo dhaabbii konkolaattootaa furuuf bakkeewwan Paarkiingii fi daandiwwan lafoo deemuuf mijatan bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru.

Aadaa kana kunuunsuu fi guddisuu qabna jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment