Dooktar Abiy hawaasni haguuggii fuulaa sirnaan fayyadamuun ogeeyyii yaalaa akka deeggaran waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hawaasni haguuggii fuulaa sirnaan fayyadamuun ogeeyyii yaalaa akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad lakkoofsi dhukkubsatoota Covid -19 dabalaa dhufuu Fuula Feesbuukii isaaniin eeraniiru.
Yeroo ammaa kutaan wallaansa yaala cimaa humna qabu hundatti fayyadamaa jiraachuu himuun, yeroo kanatti dagannaan kan hin barbaachifne ibsaniiru.
Hawaasni lubbuu ofii baraaruun lubbuu lammiilee biroos oolchuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Haguuggii fuulaa sirnaan fayyadamuun ogeeyyii yaala fayyaa yaa deeggarru jechuun ergaa dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment