Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Lixa Oomoo daawwataniiru.
Godina miidhagina uumaamaan guutamee fi qabeenya uumaaman badhaadhe daawwachuu kotti gammadeera jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Naannawaan kun guddina Itiyoophiyaaf daraan murteessaa ta’uu himaniiru.
Fedhii misoomaa hunda guutuuf yeroo kan fudhatu ta’us, Itiyoophiyaan furmaata misoomaa hunda galeessa ta’eef bu’uura kaa’uuf kutannoo akka qabdu ummata naannoo kanaaf mirkaneessuun barbaada jedhan.