Dooktar Abiy Gamoo Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa Itti hunda’e haaromsi taasiifameef eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad Gamoo seenaa qabeessa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Komishinii Diinagdee Afrikaa, Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa Itti hunda’e haaromsi taasiifameef eebbisiisaniiru.

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareezii fi DuraTaa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat dabalatee hoggantoonni mootummaa fi dhaabbilee idil addunyaa sagantaa eebbicharratti argamaniiru.

Gamoon seenaa qabeessi kun murtoo yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin haaromsi hundagaleessi taasiifamaafii xumurameera.

Galmichi Baasii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa argame Doolaara miiliyoona 57n haaromfamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment