Dooktar Abiy fi preezdaant Isaayyaas Ityoo Injinariing daawwatan

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)-Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Ityoo Injinariing daawwataniiru.

Gareen Ityoo Injinariing jijjiirramni argisiise ka dinqisiifatamuudha kan jedha Dooktar Abiy damees Bishooftuus preezdaant Isaayyaas waliin daawwannera jechuun fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Damichatti konkolaattota rayyaa ittisaa biyyaa fi dhunfaaf oolan kan itti suphamaniidha jedhameera.

Haaluma wal fakkatuun Humna Qilleensaa Itoophiyaas daawwataniiru.

Dooktar Abiy naannoo qilleensaa biyya keenya eegsisuu fi balaawwan uumamaa wayita mudatan waraana lafoo keenya waliin dhiyeenyatti hojjechuudhaan akka biyyaatti kan nu boonsu ta’uusaa mirkaneessineerra jedhan.

Dooktar Abiy daawwanna har’aatin ga’umsa teeknooloojii fi qophaa’ummaasaaniis argineerra jedhaniiru.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abiraaham Balaay, preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan fi hooggantonni hojii olaanoo biroon argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment