Dooktar Abiy ergaa Baga Ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru

Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin, Yesuus Kiristoos dhalachuun imalli isaa kufaatii Addaam kan hordofee ta’uu eeraniiru.

Daandii Addaam kufe irra adeemuun kufaatii keessaa kaase. Imalli kun kaayyoo lama kan qabu kanneen biroof fakkeenya ta’uuf, kan biraan ammoo Addaamiin boqonnaa kufaatii isaa keessaa kaasuuf ta’uu eeraniiru.

Laga Yoordaanositti kan cuuphameefis sababa kanaafi kan jedhan Dooktar Abiy, Kiristoosa hanga cuuphamutti imala taasise keessatti ergamoonni akka hinturre eeran.

Kunis waggoota 33 keessaa waggoota 30 ergamoonni utuu hinjiraatin kan dabarse ta’uu himaniiru.

Kaayyoowwan eeramanis ergamoonni utuu hinjiraatiin dura ni hojjeta ture; ergamoonni erga dhufanii boodas hojjechaa akka ture ibsaniiru.

Hanga guyyaa Cuuphaatti hojiileen hojjetaman ifaa akka hintaane, cuuphaa boodas hojiileen hojjetaman ifa ba’uun kan hojjetamamiidha jedhan.

Ayyaana Cuuphaa wayita kabajnu, dhimmoota amantaa fi aadaatti dabalataan wantoota imala dhala namaaf faayidaa qaban akka yaadnu imaanaan jedhan.

Hojiilee akka biyyaatti hojjetamaan kaayyoo lamaaf ta’uu eeranii isaanis biyyaa baraaruu fi daandilee biroo argisisuu ta’uu kaasan.

Itiyoophiyaan biyya cabiinsa hedduu keessa dabarsite ta’uu eeruunis Kiristoos akkuma Addaamiif gaddee Itiyoophiyaanis kan gadduuf barbaaddii jedhan.

Har’a biyya baraaruuf wayita hojjennu biyyarratti miidhaa caaluu fiduuf kan hojjetaan akka jiran eeruun, balleessuun baraarsa waan hininjifanneef injifatamanii hafuun isaaniis waan hafu akka hintaane eeran.

Hojiileen biyyaa baraaruu hojjetaman namootaa hundaaf ifa akka hintaane, hanga namoonni walitti qabamanitti, hubatanii fi gamtaa’anitti eeguun hojii biyya baraaruu hojjechuu dandeenya.

Wantoonni yeroon itti ifa ba’an akka jirus ibsan.

Biyya baraaruuf hojiilee hojjetaman akka ibsaa har’aa ifuu dhiisuu mala kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, hundatti walqixa akka hinmul’anne ibsan.

Yeroo rakkoo darban keessa le’aa jiraachuu, haala biyyaalessaa haaraatti ce’aa jiraachuu yeroof mul’achuu dhiisuu akka danda’u, cuuphaa boodas hundaaf akka ife, lammaaffaa dhalachuu fi haaromsi Itiyoophiyaa hundaaf yeroon itti mul’atu akka dhufu eeraniiru.

Akkuma Kiristoos daandii cabiinsaa addaam hordofee bakka kufee hundaa kaase, hojiin biyya baraaruu daandii cabiinsaa biyyaa hordofuu gaafata.

Tokkoon tokkoo boqonnaa jiruutti bakka biyyi itti kuftee barbaaduun kaasuu kan gaafatuu fi barbaachii fi imalli jirus qormaataan kan guutameedha jedhaniiru.

Billan Heroodos, ga’isuun warraa Fariisotaa, sodaan Roomaanotaa, ganuun Yihuudaaa, shakkiin Toomaas, duullii ololaa Ayihuudotaa kallattii hundaan turuu himan.

Kun hunduu ta’ee garuu wareegama kaffaluun biyya keenyaa ni baraarra; cabiinsa ishees ni suphina jedhan.

Ayyaanni Cuuphaas boqonnaawwan lamaan gidduutti boqonnaa argamu ta’uun, kunis ummata hedduuf kan hinifoomnee fi kan ifoomeef gidduutti kan argamuu ta’uu dubbatan.

Bara tajaajila waggoota 33 keessatti ummataaf kan ifa ta’e caalaa barri tajaajilaa ifaa hintaane akka baay’atu, wanti ajaa’ibsiisaan biraan ammoo wayita ummata hundaaf ifetti illee ummanni hundi hubatee tokkummaan dhaabbachuu dhabuudha jedhaniiru.

Kunis, kaayyoo fi karoora keenyarratti xiyyeeffachuu akka qabnu kan barsiisuudha jedhan.

Har’a bilbila hundi keenyaa itti fayyadamnu waggoota 100’n dura wayita gara Itiyoophiyaa galu qormaata hedduu qabaachaa turuu yaadachiisanii, balaaleffatamee, seexana jedhamee, hedduu irratti ololamee ture jedhan.

Sun hunduu wayita darbu garuu har’a hundi keenya mana keessatti qofaa miti giiphii hundaa keenyaa keessa galuu ibsan.

Hojiin biyya baraaruus kanaan kan walfakkaatu ta’uu fi dhimmichi madaala har’aatiin kan hinmadaalamne, mormii fi deeggarsi akka hinsafaramne, oduu fi jette jetteen kan hingamaaggamamnee fi yeroo akka barbaadu ta’uu ibsan.

Ayyaanni cuuphaa har’a biyya keenyatti bakkeewwan kuma 20 olitti, hawaasni miiliyoonatti lakkaa’amu ba’uun kan kabajuu ta’uun, UNESCO’nis hambaa Addunyaan galmeessuu eeran.

Waggootaa 2000’n dura Kiristoos wayita cuuphamu garuu naannawaa Laga Yoordaanositti namoonni argaman muraasa turan.

Hedduus akka hinfaarfamne fi namoonni naannawicha jiraatanis maaltu akka uumame hinhubanne turan jedhan.

Namoonni muraasni qofti dinqii guyyicha ta’e arganii Kiristoosiin hordofaniiru jedhan.

Imalli eegalle xiqqoo fakkaatus garuu hedduu kan ta’e, asitti kan wixineeffame garuu dheeraa, muraasni kan hubatan garuu ummanni hundi kan hordofu, imala biyya baraaruu fi cabiinsa suphuu ta’uu kaasan.

Kaayyoo wixineewwan asii fi achitti eegalaman keessa tokko kanneen birootti daandii argisiisuuf ta’uu himanii, cabiinsa suphaa, biyya baraaraa, daandii saaqaa imaluu keenya itti fufna jedhaniiru.

Jalqabbiin isaa xiqqaa fakkaatus xumurri isaa guddaa, cuuphaarraas kan barannee kana ta’uu ibsanii Ayyaanaa Cuuphaa fi Kataraa gaarii akka ta’uu hawwii isaanii ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment