Dooktar Abiy ergaa baga geessanii Kabaja Ayyaana Waggaa 100ffaa Koomiiniistii Paartii Chaayinaa dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga geessanii Kabaja Ayyaana Waggaa 100ffaa Koomiiniistii Paartii Chaayinaa dabarsaniiru.
Ergicha maqaa isaanii fi Paartii Badhaadhinaan dabarsaniiru.
Guddinni Chaayinaa Afrikaanootaaf yaada waliin guddachuu uumuun sadarkaa duraatti kan eerramu ta’uu Dooktar Abiy ibsuun, baga waggaa 100ffaa geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Itti gaaffatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Binnaalfi Andu’aalemis ergaa baga geessanii Kabaja Ayyaana Waggaa 100ffaa Koomiiniistii Paartii Chaayinaa dabarsaniiru.
Paartichi deeggarsa Ityoophiyaaf taasiisaa jiru dinqisiifachuun, yeroo itti aanu waloon kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment