Dooktar Abiy ergaa baga ayyaana Irreechaa geessanii dabarsan

Finfinee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga ayyaana Irreechaa geessanii dabarsan.

Ergaa guutuun akka itti anuutti dhiyaatera

Irreechi Ayyaana abdiifi galateeffannaati. Akkaataa aadaa Oromootti Irreechi kan kabajamu Waaqa rooba, nagaa, oomishaafi itti fufiinsa dhalootaa namaa kennu galateeffachuudhaafi. Rooba Gannaatiin sababa Laggeen guutaniif firoottan walirraa citanii ykn gargar bahanii turan Ayyaana itti wal-arganidha. Laggeen hir’atanii, dukkanatti kan fakkeeffamu yeroon Gannaa darbee booqaa Birraatiin bakka bu’uunsaa yeroowwan rakkoofi gidiraa darbuudhaan abdii ifaa haaraa akka galaa godhachuutti fakkeeffama. Irreechi Ayyaana marga jiidhaa qabachuudhaan uumaaf galata itti dhiheessanidha. Margi jiidhaan mallattoo abdii gaariifi lalisuuti.

Ayyaana Irreechaarratti hirmaattonni ayyaanichaa marga jiidhaa qabachuudhaan Waaqa sanyiin facaafne gahee asheeta nuu kenne, abdii ifaafi marguu nu gonfachiise galanni haa ga’u jechuudhaan Ayyaana galanni itti dhihaatudha.
Irreecharratti isa darbeef galanni ni dhihaata.

Gara fuula duraaf abdiin itti horatama. Isaan kun lamaan akka nama dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti duudhaalee barbaachisoodha. Jireenyi abdiifi galataan alatti itti hin fuftu. Galata keessa hadheeffannaan ykn balaaleffannaanis sireeffamnis jiru. Hadheeffannaan garuu hadheeffannaa galanni daangaa baasuufidha. Galata keessa sirreessuun jira. Sirreeffamichi garuu sirreessa galanni daangaa baasuufidha.

Mii’eessitoonniifi urgeessitoonni ittoo keessa jiran fakkeenyaaf barbaree ittoo keessa jiru akkuma gubu, qullubbiin akkuma dhangaggaa’u, yoo baay’ate miidhuu kan danda’u soogiddis ni jira. Hundisaaniituu hanga barbaachisummaasaaniitti akka ta’an hammattoon “Ittoo” jedhamu isaan daangesseera.

Hundisaaniiyyuu kallattii bu’aafi dhandhama barbaadamuutiin safaramaniifi madaalamanii dhihaatu. Gubuutiinis, dhangagaa’uunis ni barbaachisu. Garuummoo safarrii ykn madaallii dhandhama ittichaa hanga hin ballessinetti qofa. Maqaa hundi ittiin waamamuufi hundi keessatti walitti qabamu isa ta’e “Ittoo” hanga hin mancaafnetti.

Sirreeffamniifi hadheeffannaan ykn balaaleffannaan hanga ykn sadarkaa itti barbaachisan qabu. Innis madaallii galataa hanga hin balleessinetti. Foolii jireenyaa, jaalala biyyaa, hanga hin balleessinettidha.

Galata keessa sirreeffamniifi hadheeffanni ni jira. Hadheeffannaafi sirreeffama keessa garuu galanni hin jiru. Ittoo keessa barbaree malee, barbaree keessa ittoon akkuma hin jirre jechuudha.

Galanni yeroo Irreechaa dhiheessinus akkasuma. Wanneen rakkisoon hedduu keessa dabarre. Kan badan wantoonni sirreeffaman ni turan. Gufuuwwan nama qoran ni turan. Rakkoowwan lubbuufi qabeenya balleessan ni turan. Garuu isaan kana hundarra ceeneerra, bira darbineerra, keessa baaneerra. Kanaaf galanni ni barbaachisa. Rakkoowwanirraa baranneerra. Qormaatota nu mudatan keessaa qoramnee baaneerra. Dogoggora keenyarraa sirroofneerra. Kanaaf galanni ni barbaachisa. Kaayyoon warra nu qoranii hin milkoofne. Nu dhukkubsaniiru ta’a, garuu nu hin ajjeesan. Nu tursiisaniiru ta’a, garuu irraa nu hin hanbisan. Kanaaf ni galateeffanna.

Irreechi Ayyaana Abdiiti. Ilmoon namaa dandeettii waa yaadachuu qaba. Kanaafis kaleessa ni yaadata. Kaleessa keessa jiraachuun garuu hin danda’amu. Kaleessarraa baratanii gara fuulduraatti deemuun dirqama. Abdiin bakka hin jirretti bor hin jiru. Namoonni mana cufame keessa baroota dheeraaf jiraatanii sammuunsaanii osoo hin miidhamiin akka bahan kan isaan taasisu abdiidha, boru fooyyee akka qabu yaaduudhaani. Boru akka haaraatti jalqabuu. Hadhaan kaleessaa aannan boruu akka nu jalaa hin balleessine gochuu. Inkirdaadni kaleessaa qamadii boruu akka nu jalaa hin mancaafne gochuu. Abdii jechuun isadha.

Abdiin waan lamarraa madda- amantaafi beekuu dhabuurraa. Boru dandeettii hin xuqamnedha. Dandeettii hin xuqamne kana fooyya’aan taasisa jedhanii amanuun murteessaadha. Egere jijjiirama fiduuf dandeettiis ogummaas nan qaba jedhanii amanuu barbaachisa. Ifa keessa baasanii dukkana ilaaluurra dukkana keessa baasanii ifa ilaaluutu caala jedhanii amanuu. Ana caalaa abbaa egeree ta’uu kan danda’u hin jiru jedhanii amanuudha- abdiin.

Maddi abdii inni lammaffaan waa’ee egeree beekuu dhabuudha. Tilmaamuun ni danda’ama. Dhugumaan garuu egere maal akka ta’u safaranii dhundhuma dhahanii dhugaasaa dubbachuun hin danda’amu. Egere beekuu dhabuudhaan kan guutamedha. Bor gara beekumsaatti jijjiiruun gahee nama abshaalaati. Nama amanee bobba’een alatti namni egere dhugummaansaa ifeef namni addaa hin jiru. Kanaafi egereen hunda keenyaaf walqixa kan ta’u.

Kaleessi sababa beeknuun hunda keenyaaf wal-qixa yoo hin taanellee, egereen garuu hunda keenyaaf wal-qixxeedha. Egeree keessa kan nuti wal-caallu,bifa fooyya’een qophoofnee bifa fooyya’een yoo hojjenne qofaadha.

Irreechi Ayyaana dhiifamaati. Kan wal-loleefi walitti dallane dhiifama waliif hin godhiin Ayyaana Irreechaa guddicha gara kabajuutti hin deemu. Irreechi madaawwan darban dhiifamaan wal’aanamanii kan itti fayyan, haalooniifi quuqqaan dhabamee araaraan kan itti bakka buufamu Ayyaana guddaadha.

Ayyaanni Irreechaa guddicha ayyaana haaloo wal-bahuufi boqonnaa jibbinsaa cufuudhaan araara, dhiifama jechuun, madaawwan keenya turan akka deebi’anii hin malaane jaalalaan wal’aanuu itti barannudha.

Irreechi Ayyaana tokkummaati. Ayyaana dinqisiifamaa Irreechaa guddichaarratti qarqara Itoophiyaa hundarraa kan dhufan hirmaattonni sabootaafi sablammoota bakka bu’an kan irratti qooda fudhatan, obboleessasaanii kan ta’e ummata Oromootiin hawwii gaarii baga ittiin si ga’ee ayyaana irratti ibsanidha. Hirmaattonni yeroon dhufu ifa akka ta’u, kan itti wal-eebbisaniifi tokkummaa sabdaneessummaa keenya cimsuudhaan obbolummaafi duudhaalee hawaasaa ammayyaarratti kan ijaaramte tokkummaa cimaa kan qabduufi Itoophiyaa badhaadhomte uumuuf tattaaffii goonu milkeessuuf ayyaana nu fayyadudha.

Irreecha yommuu kabajnu duudhaalee gurguddoo kana yaadna. Warri nu duraa biyya keenya har’aan ga’an waan hunduu isaanii guuteefii miti. Kan barbaadan guutamee, kan qabsaa’aniif milkaa’eefii qofa miti. Dhukkubbiifi bu’aa-ba’ii hedduu keessa darbaniiru. Egeree fooyya’aa fiduudhaaf jecha qabsoofi isa darbe galataan cufuun har’a ga’aniiru. Hadhaan jireenyaa akka madaatti akka isaan kulkulu hin hayyamneef. Harkisee akka isaan hanbisuufi takaalee akka isaan kuffiisu of qopheessoo ta’anii hin argamneef.

Haata’uutii adeemsa biyya keenyaa duudhaalee keenya kanaan alatti yaaduu dandeenyaa? Deemsa biyya keenyaa waggoota darbanii galataan haa goolabnu. Milkaa’inoota keenya lakkoofnee kana arganneerra waan ta’eef, ni galateeffanna haa jennu. Dadhabbiiwwaniifi dogoggooroota keenya lakkoofnee dogoggoroonni keenya kun nu hin hanbifne; waggaa itti sirreeffamaniifi itti fooyyeffaman arginneerra-galata haa jennu. Qormaata dogoggoraa carraa sirreessuutu mo’ata. Gidiraa badinsaafi barbadaa’insa carraa misoomaafi haaromsaatuu irra aana.

Daandiin keenya kan dhume, kitaabni keenya kan xumurame, faayilli keenya kan cufame lagni keenya kan ciise miti. Bara itti hojjennee caalaa, bara itti hin hojjetiin isa fuula duraatuu caala. Rakkoon nu barsiiseera, qormaanni bilchina nuuf kenneerra, dogoggorichis nutti mul’ateera. Beekumsa keenya kaleessaarra, gahumsa keenya kaleessaarras inni ammaa ni caala. Kanaafis bor dandeettii caaluun itti fayyadamna. Kaleessa kan jijjiiru egereedha.

Yaa sabaa! Kaleessarraa barannee, kaleessa galataan goolabnee, bor fooyya’aafi caalaa gochuuf tokko taanee haa kaanu. Ayyaana Irreechaarratti gara bishaan uumamaa qulqulluu deemna. Marga uumamaa jiidhaa qabanna. Horichi qulqulluu kan ta’e inni boora’e taliileeti. Margichi magariisa kan ta’e, inni goge laliseeti. Biyyi keenya Itoophiyaanis akkasumadha. Bifnishee boora’an boora’anii hin hafan-ni taliilu. Duudhaaleenshee gogan goganii hin hafan, ni lalisu.
Roobni Waxabajjii hanga Fulbaanaatti jiru akka aadaa Oromootti bara qormaataa yaadachiisa. Guutuu lagaatiin daandiin ni cufata. Humna Gannaatiin firri adda ba’a. Midhaan waan hin geenyeef beelli ni jiraata. Birraan garuu bara abdiiti. Midhaan ni ga’a, bishaan ni taliila, karaan ni banama, samiin ni ifa, Busaan ni baddi.

Itoophiyaan Waqtii Gannaarratti argamti. Yeroo qormaataa fixxee gara Birraatti kan itti ceetu. Birraan yeroo gammachuu yoo ta’ellee hojii garuu ni barbaada. Midhaan warra balleessanirraa eeguu, humna walitti qabatanii tokkummaan haamuu, tuuluufi dhahuu roobni wayitii malee dhufu midhaanicha akka hin miine yeroo hunda qophii ta’uufi midhaanichi haamaafi oogdiirrattis dhangala’ee akka hin qisaasamne of eeggannoo gochuufa’i. Haalli biyya keenyaas akkasumadha. Barri abdii keenyaa –qabsoo keenya, yeroo hunda qophii ta’uufi eegumsi yoo itti dabalame milkaa’aa akka ta’u amantaa kooti.

Irra-deebiin Ayyaana Irreechaa Gaariin hawwa!
Itiyoophiyaan ijollee isheetin sodaatamte, kabajamtefi badhaatee barabaraaf haajirattu !
Waaqni Itiyoophiyaa fi ummattoota ishee haa ebbisu !
Fulbaana 22, 2013

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment