Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad eeyyama Opireeshinii Teeleekoomii lamaa ilaalchisee miseensota Mana Maree Gorsaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy adeemsa eeyyama laachuu haaraa Ityoo Teeleekoomii walakkaan gara dhuunfaatti jijjiiruu ilaalchisee Mana Maree Gorsaa hundaa’e waliin marii taasiisaanii jiru.
Akka Abbaan Taayitaa Koominikeeshii Ityoophiyaa beeksiiseetti, Opireeshiniiwwan Teeleekoomii haaraa gara hojiitti galchuuf caalbaasii ba’e hordofee Dhaabbileen Giloobaal Paartinashiip Ityoophiyaa fi ATN Internaashinaal jedhaman ulaagaa barbaachisu guutuun dhiyaataniiru jedhame.
Giloobaal Paartinashiip foor Ityoophiyaan Voodaafoon Ingilaand, Voodaakoom Afrikaa Kibbaa, Saafaarii Koom Keeniyaa fi Suumiimootoonii Jaappaan kan of keessatti hammateedha jedhame.
Dhaabbileen lamaan ulaagaa Caalbaasiichaan ba’e guutuun yeroo ammaa murtoof dhiyaataniiru jedhameera.
Mootummaan murtoon osoo itti hin laatamiin dura dhimmicharratti Miseensota mana Maree Gorsaa waliin mari’atameera.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.